Joshua 11:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba gaafasi Yoshuani kae worra gugurda d'ed'eera gosa Anaki, ka lafa gaareeni keesa tau fit'e: Worri suni dira Hebroni, ka Deberifi Anabu, ammalle lafa gaareeni ta Yudatifi ta Israeli keesa taa. Yoshuani worraafi dira isaani ch'ufa balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Iyyaasuun dhaqee biyya gaaraa Keebroon, Daabeer, Aanaab, gaara Israa'elii, gaara Yihuuda'aatii achi ijoollee Eenaaqii ajjeesee qachoota isaanii woliin sirima balleesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyaasuun yennaa san biyya koobittii, Kebroonii, Deebirii, Aanaabii, biyya koobittii Yihuda'aa maraa fi biyya koobittii Israa'elii maralle dhaqee Aanaaqota bibbineeyyii qachoota isaanii woliin ijjumaa balleesse.