Joshua 11:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akanaani Yoshuani lafa ch'ufa fud'ate. Akuma AABBO Waaqi Musani jed'e. Duuba Yoshuani lafa suni d'aala worra Israeliti kenne, gosa gosani gargari qoodeefi. Akanaani lafti nagaya argatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma Rabbi Muuse'etti hime Iyyaasuun biyya maraa fudhatee worra Israa'eliitii fi akkuma gosa isaaniititti biyya maraa isaanii kenne, achiin maayessa lolli biyya maraa irraa dhaabate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyaasuun akkuma Waaqi Muusee ajaje, lafa san guutumatti qabatee, akka qooda gosa gosa isaaniititti Israa'elootaaf dhaala godhee kenne. Achiin duuba kolbaan woraana irraa foorfatte.