Joshua 11:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, Worra kana insodaatini, bori hojja tana anini ya worra harka Israelitini hobaase. Fardoole worra mogolcha gaari worrale guba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Iyyaasu'uun, «Boru hennaa akkanaa namoota maraa akka waan du'aniititti dabarsee ijoollee Israa'eliititti waan kennuuf isaan hin sodaatin; moorgaya luka faradoo isaanii hin kutta, konkolaataa isaanii ka fardaallee ibiddaan gubda» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqille Iyaasu'uun, «Isaan hin sodaatin. Ani boru yennaa tana isaan mara harka Israa'elootaatitti dabarsee kennee, akka qalamanu godha. Ati mogolee fardoo isaanii mogolchiitii, garreettaa isaanii ka fardoole'een harkifamulle ibiddaan guggubi» jedheen.