Joshua 12:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoshuafi worri Israeli hayyoota ch'ufa ta lafa Yordani ila aduu, haga Baal-Gadi Lebanoni keesaa fuud'e gaara Halaki ka bita d'aatu lafa Edomuti, d'aabe ch'ufa dabsate. Inni lafa tana worra Israeliti gosa gosani gargari qoodeefi akanaani lafti sunini ta worraa taate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyaasuunii fi baniin Israa'elii mootota laga Yoordaanosiitiin gama gara dhiya adu'uutiin jiran maraa mooyatan; lafti sun dhooqa Libaanosii ka Ba'aalgaadii jalqabee haga gaara Seeyirii, haga gaara Haalaakii ka Eedoomiin gara bita'aatiin jiruu gaya ture; Iyyaasuun lafa kana qoqqoodee gosa maraafuu kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii, mootota Yordaanosii irraa gara aduun seentuu, Ba'aal-Gaadi dhooqa Libaanonii keessaatii haga gaara Halaakii ka gara Se'iiriititti ol ka'u injifatane. Iyaasuun lafa san akka qooda gosa gosa isaaniititti lafa isaanii kenne.