Joshua 12:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qoodi suni lafa gaareeni, lafa ila aduu ta golba gaara, bale Yordanitifi golba isii, gooro ilaboru ammalle lafa gamooji ta bita. Duri lafa tana ch'ufa worra Hitifa, Amorifa Kanaanifa, Perizifa, Hivifa ammalle Yebusifaati taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gayeen lafa kanaa tulluuwwan gara dhiya adu'uutiin jiranii, dhooqa Yoordaanosiitii fi tulloota garaa jala jiran ka gara lafa dhooqaa ka gara baya biiftu'uutiin jiranii fi lafa gammoojji'ii ka gara bita'aatiin jiru maraa wolitti qabata ture; lafti kun dura lafa Keexotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Feerzotaa, Eewwotaatii fi ka Iyyaabusootaa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Biyyi inni isaaniif kenne biyya koobittii, biyya koobaan jalaa ta gara aduun seentuu, dhooqa laga Yordaanosii, biyya goodda gaaraa, biyya goomole'eetii fi biyya kibba Kana'aanii, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Kana'aanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaatii fi biyya Yibusootaa ti.