Joshua 13:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle lafti worra dira ch'ufa ka dirra lafa gubba jiru ammalle lafa Sihonini, hayyuuni Amori, ka Heshboni tau, fide ch'ufa. Musani isaafi worra lafa Midiani fidule dabsate: worri suni Evi, Rekemu, Suri, Hurifi Reba. Worri kunini ch'ufti hayyu Sioni jala hojatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Beetiyaashimoot, qachoonni raasaa keessa jiran maruu, mootiin Amoorotaa ka Haseboonitti mooye, mootonni Seewoonii maruu mootii Hasebooniitii gibira kenna'aa turan. Muuseen isaa fi abboota murti'ii ka lafa Seewoonii keessa jiraatan, bulchoota Miidiyaamii Eewiin, Roqoom, Suuriin, Huuriin Riibaa fa'a dhaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
qachoota gooroo irraa mara, lafa mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaa ka Heshiboon keessa le'ee bulchaa turee ti. Muuseen mooticha Sihoon, sooreyyii worra Miidiyaaniitii fi worra biyya san jiru Ewii, Reqem, Zuur, Huur, Rebaa worra Sihoon woliin jiru injifate. Worri kun duudiin Mooticha Sihooniin jalatti lafa bulchane.