Joshua 13:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle lafa Gileadi ta haga garitifi dira Ashtarothifi Edrei, dira gudda hayyu Ogu ka Bashani ejite. Dira kana ch'ufa yayu worra gosa Manase ta gari ta Makiri ilma Manase iraa baate kennani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootonni Aagii ka qachoota Baasaanii keessa jiran, Astaarootii fi Eediraayi; Kunniin ilma Minaase'ee ka ijoollee Maakiriiti; lafti ijoollee Maakirii akka gosa isaaniitiin kana ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
lafa Giil'aadii gamisa, Ashitaarotii fi Edraayii qachoota Oog mootii Baashaanii ti. Qachooti kun duudiin ka Maakiirii ilma Minaase'ee te'anee, gamisa ilmaan Maakiiriitiif akka maatii maatii isaaniititti isaaniif kennamane.