Joshua 14:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba amma lafa gaareeni ta gaafa anaafi jari wahela kiyya waan isii Musati himne, ta AABBO Waaqi naa kakhate naa kenni. Nu gaafasi ya siti himne, aka worri gugurdaani d'ed'eerani, gosa Anaki, dira gugurda naaboni jaarate keesa tau. Hegeri AABBO Waaqi na woliini jiraate akuma inni jed'e kaani, anini worra arti keesaa baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma eegasuu akkuma Rabbi hennaa san dubbate, lafa gaaraa kana naa kenne; ati guyyaa san worri Qeenotaa gugurdaan akka qachattii dallawamte san keessatti riphaniiran dhageetteerta; maal laataa Rabbi na woliin ta'a akkuma inni natti dubbate anillee isaan ari'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma yoona, biyya koobittii Waaqi gaafa san waadaa naaf gale naa kenni. Worri Aanaaqotaa bibbineeyyiin akka achi jiranu, qachooti isaaniille dalleya dhaka'aa jabaa akka qabu dhageetteerta. Ammoo Waaqi yoo na qarqaare akkuma inni jedhe ani achi keessaa isaan hin baasa» jedhe.