Joshua 14:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya toko jari toko, ka gosa Yuda, Gilgaliti Yoshuati d'ufe. Worri sunini nami toko, ka Kalebu ilma Yefune jed'ani, ka gosa Kenizi waan isaani jed'e, Atini waan AABBO Waaqi Kadesh-Barneati, namicha Waaqa ka Musa jed'ani kaani waan kiyyafi kanke jed'eeni imbeeta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen Yihuuda'aa Gelgala'atti gara Iyyaasu'uu dhaqanii ilmi Yoofoonii Qaanezichi Kaaleeb akkana jedheen «Waan Rabbi waan kiyyaa fi kee Qaadesii Bane'eetitti nama Rabbii Muuse'etti dubbate hin beetta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafa tokko gosa Yihuda'aa keessaa namooti Giilgalitti gara Iyaasu'uu dhufane. Isaan keessaa tokko Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Iyaasu'uun, «Waan Waaqi Qaadesh-Barne'aatti marroo teetii fi tiyya Muusee nama Waaqaatitti dubbate hin beetta.