Joshua 15:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini waan jetteeni, anini madda bisaani fed'a. Lafti atini naa kennite lafa aloo, ta gamooji. Duuba Kalebuni madda gubbatiifi ta jala kenneefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiin, «Ati Lafa gara bita'aa naa kenniteertaa ammallee lafa burqaa bisaanii qabdu naa kennii na eebbisi» jetteen; innillee burqaa bisaanii ka olii fi gadiin jiru lamaan isi'ii kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin deebittee, «Latti ati naaf kennite biyya gammoojji'ii keessa waan teeteef, baleessa bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb baleessa bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef.