Joshua 15:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammalle bale Hinomule, olkore, gaara diri Yerusalemu, ka worra Yebusi gubba jiru bitaa bahe, duuba seeri fiit'e gaara olkore, bale Hinomu gama ila adu, ta bale Refaimuti mirga bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daangaan isaallee karaa ladda dhooqa ilma Heenoomii Yerusaalem jedhamtuu gara Iyyaabusootaa, gara worra gara bita'aatiin jiranii gaya; daangaan isaa dhooqa Raaffaayimii, dhooqa Heenoomii gara mirgaatiin jiruu haga karaa worra fuullee dhiyaatiin jiranii haga worra gaara gubbaa jiranii gaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba meessaan kun dhooqa ilma Hiinomii keessa bayee gara goodda kibbaatiin, qachaa Yibusootaa Yerusaalemiin baya; achii ka'ee kooba Hiinomii irraa gara aduun baatuu gubbaa bayee, haga dhuma kaaba dhooqa Refaamii ti.