Joshua 17:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan jed'eeni, Lafti gaareeni nu ingeetu, ammo worri Kanaani, ka diida keesa tau gaari sibiila qaba, worri Beth-Shanifi ollowaani d'aatu isaa jirufi worra bale Yezreeli keesa tauleeni gaari sibiila qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen Yooseefii garuu, «Biyyi gaaraa nu hin gawu; worri lafa dhooqaa keessa jiraatan, worri lafa dhooqaa ka gandoota Iiyiziraa'elii keessa jiraatan, Worri Kana'aanotaa konkolaataa sibiilaa qaban» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan deebisanee, «Latti koobittiin sun nu hin geettu; Kana'aanoti lafa dirree irra le'anuu fi worri Bet-Shaanii fi ollooti adaala sanii ka dhooqa Yizre'elii keessa le'anu ammoo garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu qaban» jedhane.