Joshua 17:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti gaareeni ha teesani taatu, yo isiini baddale taate isani ch'ira, haga seeri isii gahu ch'ufa fud'ad'a. Worra Kanaani ato worri gosa jajabdu gaari sibiila qabdu taatele inuma keesaa gussitani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Biyyi gaaraallee kee ta'a; yoo araddaallee ta'e cirtee kee godhatta; worri Kana'aanotaa konkolaataa sibiilaa qabaatanii yoo jabaatanillee isaan ariita» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf biyyi koobittiin teessan hin teeti. Koobi sun gongomaa teetulle anadha'aatii, qacce'ee jalqabaatii haga qaccee dhumaatitti lafa teessan godhadha'a. Worri Kana'aanotaa garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu qabaatee, jajjaboo te'ulle isin isaan hin ariitan» jedhe.