Joshua 17:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa galaana Yordani ila adu worra Manase ka d'ibi kennani: Worri sunini kana: Abiezeri, Helki, Asirili, Shekemu, Heferifi Shemida. Worri kunini ch'ufti ilmaani d'iira ta Manaseni, ilmi Yusufu d'ale, ammalle worri abbooti worraati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hixaan hafe ijoollee Minaase'eetiif akka worra isaaniitiin, ijoollee Abi'eezeriitii, ijoollee Keleegiitii, ijoollee Asri'eeliitii, ijoollee Seekeemiitii, ijoollee Oofeeriitii, ijoollee Shamida'aatiifillee hin kenname; ijoolleen dhiiraa ta Minaasee ilma Yooseefii akkaataa gosa isaaniitiin kanniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Latti gara aduun seentuu maatii Minaase'ee worra hafeef, Abii'ezer, Helek, Asrii'el, Sheekem, Heferii fi Shemeda'aa kennante. Isaan kun sooreyyii maatii ilmaan sanyii Minaasee ilma Yoseefii ti.