Joshua 17:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubarti sunini gara qaallicha Eleazarifi Yoshua ilma Nunitifi jaarole d'at'e waan jetteeni, AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Dubra tana, oboleyaani isii ta d'iira woliini, d'aala kennaafi jed'e. Jennaani akuma AABBO Waaqi jed'e gula oboleyaani isii ta d'iira woliini lafa kennanifi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan gara gadicha Alaazariitii fi gara ilma Nawwe'ee gara Iyyaasu'uu gara bulchootaallee dhufanii, «Rabbi obboleewwan teenna jiddu'utti lafa akka nuu kennu Muusee ajajeera» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan gara hayyicha Ele'azaarii, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyi'ii dhaqanee, «Muuseen akka obboleeyyan teenna ta firaatitti, lafa akka nuuf kennu Waaqi isa ajajeera» jedhane. Tanaaf akka Waaqi ajajetti isaan obboleeyyan firaa woliin lafa fudhatane.