Joshua 18:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Golba gaara bale Hinomu iraani mullatu fulla bale Refai mirgaani gabue, eegi suni bale Hinomu ta gooro Yebusitini bitaa, gara Enrogeli bitaa bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daangaan isaanii gaara dhooqa ilma Heenoomii afoo jiruu gaya; kunillee dhooqa Raffaayimii ka gara mirgaatiin jiruuti; gara bita'aatiin gara dhooqa daangaa Heenoom Iyyaabuusii biraan gara Ayinaroogeelii biraan gad bu'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Meessaan sun gara gaara jalaa ka fuullee dhooqa Ben-henoomii irga dhooqa dhuma kaaba Refaa'otaatitti gad bu'a. Achii ka'ee gara qachaa dhooqa Hiinomii gad bu'ee, gara kibba goodda qachaa Yibusootaa dhaqee, gara En-Rogeelii deema.