Joshua 18:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama sadi, gosa teesani ch'ufa keesaa naa kenna, anini duuba worra suni lafa ch'ufa keesa erge, aka lafa ch'ufa keesa deemani fulla fud'achu fed'ani qutuma d'aatani. Duuba eegi suni ha nati deebianiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gosa maraa keessaa namoota sadihi sadihi filadhaa'a; anillee isaan erga, isaanillee ka'anii biyyattii irra naannayanii haga qooda lafa isaanii galmeessanii gara kiyya haa deebi'anii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gosa duudii keessaa nama sad sad naa fila'a. Isaan dhaqanee biyya keessa deddeebi'anee, lafa gosi isaanii qoodamu'uu malte ilaalanee akka gara kiyya deebi'anu hin erga.