Joshua 18:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gochiti Lawi isani keesaa qooda inqabdu; wonti akanatiifi qoodi worraa huji qaalluma ta AABBO Waaqa. Ammalle d'uguma gochiti Gaditifi ta Reubenitifi ta Manase ta ilaboru yayu lafa hojattuuni AABBO Waaqa Musani worraa kenne qara fud'atte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu worri Leewwotaa gadoota Rabbii waan ta'aniif isin biratti lafa hin qaban; Gaadi, Roobeel, gofti Minaase'ee wodhakkaan laga Yoordaanosiitiin gama gara baya biiftu'uutitti lafa isaanii ka garbichi Rabbii Muuseen isaanii kenne fudhataniiran» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee worri Lewwi'ii qoodi isaanii hayyoota te'anee Waaqa tajaajiliisa waan te'eef, isin keessaa isaan qooda lafaa hin dhaggatanu. Gosi Gaadii, Ruubenii fi gamisi gosa Minaase'ee, lafa ifii ta Muuseen tajaajilaan Waaqaa isaaniif kenne ta laga Yordaanos irraa gara aduun baatuu duruu fudhataneeran» jedhe.