Joshua 19:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Seeri worra ammalle Tabori, Shahasumafi Beth-Shemeshiti mat'ane, galaana Yordaniti eje. Dira kud'ani jaatiifi ollowaani d'aatu jirtuleeni ch'ufti, herega lafa suni keesa jirani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daangaan isaanii gara Taaboorii, Shaayisuma'aa fi Beetisaamiisiin gaya. Karaan daangaa isaanii Yoordaanositti baya; lafti isaanii gandoota woliin qachoota kudha jahaa qachoota didiqqaa naannoo isaanii jiran maraa wolitti qabata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Meessaan kun ammalle Taabor, Shaziima'aa fi Bet-shemeshi tuqee, laga Yordaanosiititti dhaabbata. Kunille qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala sanii dabalata.