Joshua 19:47 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri gosa Dani lafa ufi d'amnaani Laishi d'aqani had'ani, dira suni qabani, worra isaa fit'ani dira worraa boojiani iti qubatani. Maqa isaa ka qara Laishi jijirani, maqa ababo isani Dani gula Dani jed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu ijoollee Daanii lafti waan itti dhiphatteef ijoollee Leeshemiitiin lolanii lafa isaanii irraa fudhatanii irra jiraatan. Maqaa lafa sanii maqaa abbaa ufii Daaniin itti baasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaa Daanii irraa latti yennaa fudhatante, gara biyya Laashemii dhaqanee lolanee, worra achi keessa le'u fixanee qachaa san qabatanee, ka ifii godhatane. Isaan achi qubatanee maqaa qachaa Laashemii jijjiiranee maqaa Abbaa ifii duriitiin, «Daan» jedhanee moggaasane.