Joshua 2:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yoshuani, ilmi Nuni, nama lama lafa Shitimuti d'ossaani dooya erge waan jed'eeni, Beena, lafa Kanaani dooyaad'a, keessuma dira Yeriko qorqorad'a. Duuba worri yae, mana sharmut'iti toko ta maqaani Rahabu, bule.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun deema'aatii lafa sanii fi Iyyaarikoo laalaa'a jedhee Saaximiin irraa gaadduu lamaa dhossa'aan erge; isaanillee deemanii mana, «Ra'aabii» seebartitti'ii seenanii bulan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eega san Iyaasuun ilmi Nunii quttuma lafa Shiixiim jedhantuu keessaa worra dooyu lamaan dhossa'aan ergee, «Dhaqa'aatii lafa san, keessattuu qachaa Yeriko'oo dooya'a» jedhe. Isaan yennaa achi geyane mana dubartii sagaagaltittii, «Rahaab» jedhantu takkaa seenanee, achi bulane.