Joshua 2:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri waan jed'eeni, Waaqi nu ijeesinna, yo nu waan atini feetu sii inguutini! Yo atini waan nu yaanufi kana namati inhimini, gaafa AABBO Waaqi lafa tana nuu kenne, sii naane waan dansa si tolchina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni sunniinillee isi'iin, «Yoo nu waadaa sii gallee kana hin raawwanne, Rabbi du'aan nu haa adabu; hennaa Rabbi lafa tana dabarsee nuu kenne waan mishaa sii godhu'uuf waadaa sii galla» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jarri isi'iin, «Waan amma nuuti hujiisatti jirru kana yoo nama tokkolle'etti himuu dhaddee jiru'uun jiraanne, yennaa Mootiin Waan Maraa lafa tana nu'uuf kennu, isinille akka jiru'uun jiraattanu hin goona» jedhane.