Joshua 20:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni dandae dira kana tokoti baqate fulla fullo, ta jaaroleeni iti koratu d'aqe, waan tahe jaaroleeti hima. Duuba worri aka inni dira seenu ee jed'e, fulla inni tau kennaafi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachoota kanniin keessaa gara qachaa tanaa akka dheessu, balbala qachatti'ii afoo dhaabatee waan ta'e maraa jaarsota qachaa saniititti hima; isaanillee qachattii sanitti isa simatanii hulee inni taa'u kennaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni qachoota san keessaa gara tokkootitti yennaa baqatu, seensuma karra qachaa sanii dura dhaabbatee haajaa ifii jaarsolee qachaa saniititti himata. Achiin duuba akka inni qachaa san seenu eeyyamanee, addee inni le'u kennan; maarre inni achi keessa le'a.