Joshua 22:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo aka fullaani suni akheekha worra keennafi keesanifi yokhaani d'aloota taka tanale taatu, aka nu d'uguma AABBO Waaqa durati sorio teenna gumne waan Waaqa baasu malani ta wold'ageetile baamnu. Woni nu akasi taanefi aka taka tana ilmaani teesani, ilmaani teennaani isani, qooda womatu AABBO Waaqa iraa inqabdani injenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu kun nu'uu fi isin jidduu'u, nu'uu fi dhaloota keennaa fi keessan ka nu maayessa dhufu wodhakka'atti ciinca'aa fi ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuun Rabbiin waaqeffachu'uuf akka duranaa ijoolleen teessan ijoollee teennaan Rabbiin biratti hiree hin qabdan akka isaaniin hin jenne kun ragaa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo isinii fi nu'u wodhakka'atti, dhaloota nu'uun duuba dhufu wodhakkaalle'etti, dunkaana woyyittii duratti ciincaa, woreegaa fi woreega tokkumma'aa qabannee Mootii Waan Maraa akka waaqonfatiisatti jirru kolbaa teennaa fi teessaniif beessisa teeti. Tanaaf sanyiin teessan sanyii teennaan, ‹Mootii Waan Maraa irraa qooda hin qaddanu› jechuu hin dande'anu.