Joshua 22:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan nu herenne, yo taka tana woni kunini taate, ilmaani teenna sila dubbi akana tanafa jetti: Me ilaala! Abbootini teenna fulla sorio Waaqa baasani ta aka teesani ijaarte. Fullaani sunini aka sorio gubani yokhaani waan Waaqa baasaniniti, ammo aka akheekha worra keennafi keesanile taatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf akkana jenne ‹baroota itti aanan keessatti nuuf yookaan dhala teennaaf jedhanii kunoo fakkeenna ciincaa abboonni teenna Rabbiif dhiyeessan laalaa'a; kun nu'uu fi isin jiddu'utti waan ragaa ta'u malee waan ciincaa gubatuutii fi waan ciincaa biraatii miti› jenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun yoo teete, yaad keenna, sanyiin teenna, ‹Ilaala'a! Addeen ciinca'aa ta abbootiin teenna hujje, addee ciinca'aa ta Waaqaaf hujanteen wol fakkaatti. Tunille odduu kolbaa teessaniitii fi teennaatitti beessisa teetee akka jiraattuuf malee, ta ciincaan yookiin woreegi irratti dhikaatuu moti› jenne.