Joshua 22:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Finehasini, ilmi qaallicha Eleazari, waan worraani jed'e, Nu arra ya argine aka AABBO Waaqi nu woliini jiru, isani isa diqole indinne tanaafi isani worra Israeli harka Waaqaa jala baaftani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi gadicha Alaazarii Finihaas ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Minaase'eetiifillee yakka kanniin Rabbiin afo'otti waan hin hojjanneef Rabbi adha akka jidduu keenna jiru beenneerra; kanaafuu ijoollee Israa'elii dheekkamsa Rabbii jalaa baaftaniirtan» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fiinehaas Ilmi Ele'azaarii hayyichaa isaaniin, «Amma akka Waaqi nu woliin jiru beenneerra. Isin isa hin finqille; tanaaf kolbaa Israa'elii adabbii Waaqaa irraa fayyittaneertan» jedhe.