Joshua 22:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akanaani worri gosa Reubenitifi Gaditifi ka Manase ka ila boru kae gale. Worri gumi Israeli taani Shilo lafa Kanaani keesati biraa yae, lafa isaani ta Gileadi ta, akuma AABBO Waaqi Musani jed'e worri argateti dachae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen Roobeelii, ijoolleen Gaadiitii fi wodhakkaan gosa Minaase'ee deemanii akkuma Rabbi Muusee ajajee lafa fudhatanii gara biyya Gala'aadii galu'uuf Seeloo biyya Kana'aanii keessa jirtu keessaa ijoollee Israa'elii biraa deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee gara lafa ifii Giil'aadii, ta ajaja Waaqaatiin karaa Muuse'eetiin isaaniif kennante sanitti deebi'iisaaf, kolbaa Israa'elii worra hafe Shiilonii biyya Kana'aanii keessatti lakkisanee gara manaa deebi'ane.