Joshua 23:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle lafa gosa d'ibi ta hafteefi lafa gosa anini qara dabsad'e, ta haga galaana Yordani ka ilaboru, haga Baariini Gudda ka ila aduu anini yayu gosa teesanii kenne aka worri d'aalu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
kunoo akkuma ani worra ormaa maraa balleesseen laga Yoordaanosiitii jalqabee haga galaana guddaa gara dhiyaatiin jiruu, gosa keessaniif akka ta'u lafa worra ormaa kanniin maraa hixa'aan isinii qoodeera;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani lafa gosa adda addaa ta haga ammaa hin qabatamin jirtuu fi ta duruu qabadheeru, gara aduun baatuun laga Yordaanosii irraa jalqabee gara aduun seentuun haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa gosa teessaniif kenneera.