Joshua 23:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka isani gosa isani keesati hafte taani wolti imakhamne, yokhaani, maqa waaqa worra ind'oomne yokhaani inkakhanneni yokhaani durati jilbifattani inkad'anne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara worra ormaa ka jidduu keessanitti hafaniiranii hin seeninaa'a; maqaa waaqa tolfamaa isaanii hin waaminaa'a, isaan hin kakatinaa'a, hin waaqeffatinaa'a, hin sagadina'aafille'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaa odduu teessanitti hatte woliin wolitti hin makamina'a yookiin maqaa waaqota isaanii hin waammatina'a yookiin ittiin hin kakatina'a yookiin hin waaqonsina'a yookiin hin sagadina'aaf.