Joshua 24:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba isani galaana Yordani taakinaani, dira Yeriko d'uftani, worri Yerikoleeni isani had'e akasuma worri gosa Amori, ka Perezi ka Kanaani, ka Hiti ka Girgashi, ka Hivi, ka Yebusileeni isani had'e. Ammo anini worra ch'ufa harka keesaniti kenne, isani worra dabsatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin laga Yoordaanosii ceetanii gara Iyyaariko'oo dhuftan; worri Iyyaariko'oo, Amooronni, worri Feerzotaa, worri Kana'aanii, worri Keexotaa, worri Gergeseenotaa, worri Eewwotaatii fi worri Iyyaabusootaa isiniin lolan; ani garuu dabarsee harka keessan jala isaan galche;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin laga Yordaanosii buutanee gara Yeriko'oo dhuttane. Worri Yeriko'oo, akkasuma worri Amoorotaa, Pheriizotaa, Kana'aanotaa, Heetotaa, Girgaashotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa isin lolane; ani ammoo harka keessanitti dabarsee isaan kenne.