Joshua 24:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani ababooti teesani AABBO Waaqati boonnani inni jiddu worraatifi worra Misiri dukana kaye, bisaani galaana worra Misiri ira deebise. Isanileeni waan suni ya argitani. Isani lafa aloo ta gamooji ganna heddu teetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san isaan gara Rabbii iyyinaan Rabbi isaanii fi worra biyya Misirii jiddu'utti dukkana buusee galaana isaan irra gara galchee galaanni worra biyya Misirii akka liqimse ijji teessan argiteerti; hennaa dheera'aaf biyya gammoojji'ii keessa jiraattaniirtan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbootiin teessan ammoo akka ani isaan qarqaaruuf gara kiyya iyyane. Anille isaanii fi worra Gibxi'ii wodhakka'atti dukkana buusee, abbaayaa isaan irratti garagalchee akka lixanu godhe. Waan ani worra Gibxii irratti godhe ila teessaniin dhaggitaneertan; eega san isin yennaa hedduu goomolee keessa leetane.