Joshua 24:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini lafa Amori worra galaana Yordani gama ilaboru tautiini isani d'ufe. Worri isani had'e ammo anini worra harka keesaniti kenne; duuba anini isani durati worra, balleese, lafa worraa fud'attani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee gara biyya Yoordaanosiin gamaa gara worra biyya baya biiftu'uu gara worra Amoorotaa isin fide; isaanillee isiniin lolan, ani garuu dabarsee isaan isinii kenne, isinillee biyya isaanii dhaaltan, isaanillee isin afo'oo balleesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba gara lafa Amoorota laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu jiranu isin fide. Isaan isin lolane; ani ammoo isaan harka keessanitti dabarsee kenne. Ani fuula keessan duraa isaan balleessee, lafa isaanii fudhattane.