Joshua 3:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ato isani gad'uftanu gosa Kanaanitiifi ta Hititifi ta Hivitifi ta Perezitifi ta Gergeshitifi ta Amoritifi ta Yebusile isani duraa gussa. Duba isani akasiini aka Waaqi jiru isani woliini jiru beetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyaasuun itti aansee «Rabbiin jiraataan akka jidduu keessan jiru, akka inni worra Kana'aanotaa, Keexotaa, Eewwotaa, Feerzotaa, Geergesota, Amoorotaatii fi worra Iyyaabusootaa sirimaa akka isin afo'oo baasu kanaan beettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma isin gara duraa hiixxanuun, Waaqi jiraataan dhugumaan Kana'aanota, Heetota, Hiiwota, Pheriizota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yibusoota isin duraa oofee baasiisaan, odduu teessan jiraatuu isaa beettan.