Joshua 3:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga worri Israeli lafa goddu ira yae dabru ch'ufa, qaaloleeni Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqatini yaatu taani wod'aka galaana Yordani lafa goddu ira ejaanjiti. Akanaani worri Israeli ch'ufti galaana taake.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa baniin lafa gogaa keessa deema'aa ceeyan gadoonni saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan haga baniin marti ceeyanitti laga Yoordaanosii keessa lafa gogaa irra dhaabata'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'el duudiin lafa godduu irra deemaa yennaa bu'anu, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu, haga kolbaan marti laga Yordaanosii buututti, laga Yordaanosii wodhakkaa lafa godduu irra dhaabbatteertiiyyu.