Joshua 4:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari kaani waan Yoshuani jed'eeni guute. Akuma AABBO Waaqi Yoshuani jed'e worri d'akhaye kud'ani lama taani wod'aka Yordaniti guure, aka henna gosa Israeli kud'ani lamaani gula, ammalle fulla qubatani geese achi naqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen Israa'eliillee akkuma Iyyaasuun isaan ajaje godhan; Iyyaasuunillee akkuma Rabbi isatti dubbate akkuma laakkobsa gosa Israa'eliitiin Yoordaanosiin keessaa dhagaa kudha lamaa fuudhanii gara hulee bulanii fidanii achi kaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Israa'elooti akkuma Iyaasuun isaan ajaje godhane. Akkuma Mootiin Waan Maraa Iyaasuu ajajetti isaan akka laakkossa gosa Israa'eliititti dhakaa kudhanii lama odduu laga Yordaanosiitii fuudhanee, gara quttuma ifii geessanee achitti dhaabane.