Joshua 5:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi waan jed'eeni, Anini jara suni tokoleeniti, ammo anini gudda duula AABBO Waaqa. Jennaani Yoshuani durati jige kad'ate waan jed'eeni, Aabbo anini hojattu teeti, maani naani jechu feeta!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee «Miti, ani bulchaa duula Rabbii ta'ee amma dhufeera» jedhe; Iyyaasuunillee kallachaan lafatti kufee sagadee «Gooftaa kiyya wonti ati ana garbicha keetitti himtu maali'i?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichille deebisee, «Ani gara keessan yookiin gara diinaatille'e moti; ammoo ajajaa loltoota Mootii Waan Maraa te'ee dhufeera» jedhe. Iyaasuulle lafatti jigee sagadeefii, «Goottaa kiyya, maan akka ani godhu barbaadda?» jedhee deebise.