Joshua 5:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi worri Israeli ganna afurtama lafa aloo keesa godaane, duuba nami ch'ufti, yokhaani nami lola guutu ch'ufti, ka lafa Misiri keesa bahe, waan qonqo AABBO Waaqa inch'aqasinifi raawate. Akuma Waaqi jed'e worri suni lafa aananifi dammi aka lolaa yau ta Waaqi ababoota worraati kakhate inagarre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lafa aannanii fi damma baaftu ta Rabbi abboota keennaa kennu'uuf kakate san nuu kennu'uuf worra jecha isaa hin dhageenne ka biyya Misiriitii bayanitti lafa san akka isaanitti hin mudhifne duultonni sunniin maruu haga badanitti ijoolleen Israa'elii woggaa afurtamaa lafa gammoojji'ii keessa deema'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti Gibxi'ii yennaa bayane worri woggaan isaanii duulaaf geette duudiin jecha Mootii Waan Maraatiif waan ajajamuu dhabaneef, haga isaan dhumatanutti kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa deemaa turte. Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta sanyii isaaniitiif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale san, akka isaan hin dhaggine kakate.