Joshua 6:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yoshuani qara waan biyyaani jed'e, Iniyyina dubbini tokoleeni afaani keesani keesaa imbahini, haga guyyaani anini iyya isaniini jed'u gahuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyaasuun bani'iin «Haga guyyaa ani iyyaa'a isiniin jedhuutitti laagaa keessan ol qabattanii hin iyyinaa'a; sirima afaan keessanii jechi tokkollee akka hin baane; hennaa ani iyyaa'a isiniin jedhe hin iyyitan» jedhee isaan ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyaasuun ammoo, «Haga ani, ‹Iyya'a› jedhee isinitti himutti hin iyyina'a; qoonqoon teessan hin dhage'amin, dubbiin takkaalle afaan keessan keessaa hin bayin» jedhee jara ajaje.