Joshua 6:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaaloleeni torbaani taani, ta magalataani Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqa dura yaatu magalata ufi d'aa dabarte. Ammalle askartini lola worra dura yaate, askartini d'ibileeni Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqa eege yaate. Haga kana ch'ufa magalata inuma d'aani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadoonni torban xurumbaa torbaa qabatanii saanduuqa waada'aa ka Rabbii afoo deema'aa xurumbaa afuufa'aa turan; duultonnillee isaan afoo deema'aa turan; baniin hafe garuu saanduuqa waada'aa ka Rabbii faana deeman; gadoonnillee xurumbaa afuufa'aa deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyooti torba worri tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabateeru, adoo woli irraa hin kutin tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa dura deemane. Worri meya woraanaa hidhateeru isaaniin dura deeme; worri kuun ammoo Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin duuba deemane.