Joshua 6:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dirafi waan keesa jira ch'ufa maro Waaqi jibbeefi balleesa. Sharmut'iti Rahabu jed'anifi nama mana isii keesa jiru ch'alla lakisa, waan isiini jara nu dooya ergine d'ossiteefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Wonti qachattii keessa jiru maruu Rabbiif akka hirmi'iititti haa balleeffamanii; worri hafan garuu seebartittii Ra'aabii fi worra isii woliin mana isi'ii keessa jiran calla'a; isiin waan gaaddota teenna dhossitee isaan oolchiteef isi'ii fi worri isii woliin mana keessa jiran callaan haa hafanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qacha'aa fi wonni qachaa keessa jiru marti akka woreegamanuuf, Mootii Waan Maraatiif murteeffamaneeran; Rahaabiin sagaagaltittiin dootuu nuuti erganne waan dhossiteef, isi'ii fi worri isii woliin mana isi'ii keessa jiru callaan hafanuu ti.