Joshua 6:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri dira kaani ibida iti kae, waan keesa jira ch'ufa ka worqifi qarsiifi sibiila diimafi guraachani mid'aasani male ch'ufa gube. Ammo worqifi qarsiifi sibiila diimafi guraachale fulla miha AABBO Waaqa iti olkayaniti olkayani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachatti'ii fi waan qachaa san keessa jiru maraa ibiddaan guban; garuu birrii, worqi'ii fi meeshaa sibiila diimaa irraa hojjatame mana Rabbii ka meesha'aa keessa kaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan meetii, worqii, meya sageettu'uu fi sibiila irraa hujame addee karra Mootii Waan Maraa keyanee, qacha'aa fi waan isa keessa jiru mara ammoo ibiddaan gubane.