Joshua 6:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yoshuani niiti sharmut'iti Rahabu jed'anifi fiit'a isiile ch'ufa lubbu baase, waan isiini worra dooyaa lamaani Yerikoti ergani kaani d'ossiteefi. (D'alooti isii haga arrale ch'ufa Israeli keesa taa.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ergamtoota Iyyaasuun Iyyaarikoo haa gaadani'iif erge Ra'aabiin seebartittiin waan isaan dhossiteef maatii abbaa isi'iitii fi waan isiin qabdu maraa Iyyaasuun hin oolche; fiixaan isi'iillee haga adhaa banii Israa'elii jidduu jiraatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyaasuun ammoo Rahaabiin sagaagaltittiin ergantoota qachaa Yeriko'oo dooyiisaaf ergamane san dhossitee waan baatteef, isii, maatii isi'iitii fi worra isii woliin jiru mara du'a irraa hambure. Sanyiin isi'ii haga adhaa biyya Israa'elii keessa jirti.