Joshua 6:26 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi Yoshuani seera gudda baase waan jed'e, Nama iti deebie dira Yeriko kana ammalle injaara jed'e, abaarsa Waaqati qabata. Nami yayaba dira kana jaare ilma ufi ka angafa d'abe, ka fullo jaarelleeni ilma ufi maand'icha d'aba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Iyyaasuun «Namni qachaa Iyyaariko'oo tana ijaaru'uuf ka'e Rabbiin afo'otti haa abaaramuu; namni bu'uura isi'ii buusullee ilmi isaa ka hangafaa haa baduu; ka balbala isi'ii ijaarullee ilmi isaa ka maandha'aa haa baduu» jedhee abaare.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san Iyaasuun, «Nami qachaa Yeriko'oo deebisee ijaariisaaf ka'u Mootii Waan Maraa duratti ka abaarame hin te'a. Nami hundee isaa buusu ilma angaficha ifii hin dhaba; nami karra dalleyaa dhaabu ilma maandhicha ifii hin dhaba» jedhee jabeessee isaan kakachiise.