Joshua 7:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan nu fud'anne kana keesa, woya mid'aadu Babiloni d'ufte jira, ammalle qarsi kilo lamatiifi worqi ulfinni isii diquma kilo hanqatu arge, aka jaba jaalad'e, fud'ad'e. Amma atini yo laalte waaro tiyya keesati ingarta. Nati qarsi jala aanse waaro keesati awaale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Meeshaa argine keessaa kaabbaa Sanaa'orii ka bareedu, birrii saqilii dhibba lamaatii fi worqii saqilii shantamaa argee hawwee fudhadheera; daasee kiyya keessa lafatti awwaalameera; birriin waan awwaalame maraayyuu jala jirti» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
meya dhagge keessaa woyaa dansaa worra Shiinaarii, meetii gara kiiloogiraama lamaatii fi worqii gara giraama shantamaa dhaggee kajeelee fudhadhe. Woyaan dunkaana kiyya keessatti awwaalantee, meetiille woyaa jalaan jirti» jedhe.