Joshua 7:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoshuani waan jed'eeni, Atini maanifi gaargala kana ch'ufaani nuti d'ufte! Duuba worri Israeli ch'ufti isa d'akhaani had'e ijeese worra isaatiifi waan inni qabu ch'ufa ibidaani gube.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyaasuun Akaaniin «Maaf nu rakkifta? Rabbi adha si rakkisa» jedheen; achiin maayessa worri Israa'elii dhaga'aan tumanii isa ajjeessanii ibiddatti guban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyaasuun Akaaniin, «Ati maaf rakkoo tana nutti fidde? Mootiin Waan Maraa adha rakkoo sitti hin fida» jedhe; kolbaan Israa'elii marti Aakaanii fi maatii isaa dhaka'aan tumanee ijjeesanee, ibiddaan gubane.