Joshua 8:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyuuni Ai askarti tana arginaani, isaafi nami isaa ch'ufti hurrisani ganama gabahani, gara bale Yordani d'aqani, aka askarti Israelitini wolhad'ani. Ammo inni aka askarti d'ibiini dudda duubani d'okhate worra isaa eegachuti jirtu quba inqabu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Gaayii haga isaan arge worri qachattii keessaa ganamaan ariifatanii ka'an; inninii fi baniin maruu hennaa gabaabaa keessatti Arabaa afo'ootitti baniin maruu Israa'eliin lolu'uuf bayan; qachattii duubaan garuu akka loltuun dhokatee ripheeru hin beenne ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Aayii tana yennaa dhagge, innii fi namooti qachaa keessa jiranu duudiin barii halkaniin ariifatanee, kolbaa Israa'elii loliisaaf gara fuullee Arabaayiititti gad bayane. Mootichi ammoo akka namooti qacha'aan duubatti riphanee eegiisatti jiranu hin beenne.