Joshua 8:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba yo worri Ai kaani ufi duuba millate aara dira isaani keesa olbahu argani, ammalle worri Israeli ka gara gamooji baqate kaaleeni fuula worraa keesa deebie, worri Ai kaani gara baqatu d'abe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni Gaayiillee uf irra midhatanii hennaa aarri qachattii san keessaa gara sami'ii ol aaru argan; bita'aa fi mirgattillee dheessuu dadhabanii gara banii Israa'elii ka gara lafa gammoojji'ii keessa isaan ari'aaranitti gara galan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri qachaa Aayii garagalee yennaa ilaalu, aarri qachaa keessaa ol ka'uun dhagge. Kolbaan Israa'elii ta gara goomole'ee baqataa turte, worra isaan ari'u loliisaaf waan itti garagalteef, worri ari'u karaa miliqu dhabe.