Joshua 8:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni hayyu Aile mukhati fannise, reefa isaa haga aduuni d'ituti achumati lakise. Aduuni d'iinaani Yoshuani, Reefa arti fuud'a jed'e, duuba arti fuud'ani fullo keesa buusani d'akha irati tuulani d'akhaani sunini haga arrale achuma jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootii Gaayii garuu haga galgalaa muka irratti fannisee haga aduun dhiite reeffa isaa akka muka irraa buusan ajaje; isaanillee reeffa isaa muka irraa buusanii akka balbala qachatti'iititti gatan godhe; reeffa isaa irrattillee dhagaa guddaa haga adhaa jiru tuulan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyaasuun mooticha qachaa Aayi muka irratti fannisee, haga galgalaa achitti lakkise; yennaa aduun seentu reeffa muka irraa buusanee, seensuma karra qacha'aatitti akka gatanu ajaje. Isaan tuulaa dhaka'aa guddoo itti tuulane; tuulaan sun haga adhaa achi jirti.