Joshua 8:33 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli, jaarole, gugurda worraati, jaallaboota worraati, keessuma, ch'ufti Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqa gama gama ejaanjani fuula qaalole Lawi ta Sanduqani yaatuti deefatani. Worri hagi gari dudda gaara Gerezimuti deefate, ka garileeni gaara Ebaliti deefate ejaanje. Jennaani akuma hojattuuni AABBO Waaqa Musani tolcha jed'eeni worri worra Israeli eebise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma garbichi Rabbii Muuseen ajaje, banii Israa'elii firrisanii akka eebbisan worri Israa'elii maruu, jaarsonni isaanii, bulchoonni isaanii, abbootiin murti'ii, ijoolleen biyyaa worri isaanitti galee isaan keessa jiraatu, gariin gaara Gaariizaanii afo'otti gariin gaara Geebaalii afoo dhaabatanii worra Leewwotaatii fi gadoota saanduuqa waada'aa ka Rabbii afoo, gamaa fi gamana saanduuqa waada'aa marsanii dhaabatanii turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Israa'elii duudiin, jaarsolee isaanii, qondaaltotaa fi abbootii mura'aa ta isaaniitii fi orma isaan woliin jiru wolille'een Saanduqa Gondooro'oo garanaa fi gara kaaniin Lewwoota worra hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atane dura dhaabbattane; Muuseen tajaajilaan Waaqaa kolbaa Israa'elii akka eebbisanu dursee akkuma isaan ajajetti worri gariin gara gaara Geriiziimiititti, worri gamisi gara gaara Ebaalititti garagalee dhaabbate.