Joshua 8:35 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi Musani jed'e ch'ufa Yoshuani gumi artiti wolti baate soome. Gumi suni keesa nad'eenifi ijoolleefi worra gosa d'ibi ka worra Israeli keesa godaanuti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyaasuunillee banii Israa'elii maraa, ijoollee intalaa, daa'imman worra isaanitti galanii isaan keessa jiraatan maraa afo'otti dubbise, waan Muuseen ajaje irraa jecha tokkollee hin hambifne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubbii Muuseen ajaje duudii keessaa, wonni Iyaasuun wolde'a Israa'elii dubartoota, ijoolle'ee fi worra orma isaan woliin jiru duudi'itti hin dubbisin hafe hin jiru.